ONM-ABO Hagayya 6, 2024
Ministirri Dhimma Alaa Turkii Hakaan Fidaan Wiixataa kaleessaa pirezidaantii Masrii Abdul Fattah el-Siisii waliin kaaba Masrii El-Alameyin keessatti mari’ataniiru.
Ministeerri Dhimma Alaa Turkii walgahii kana waltajjii miidiyaa hawaasaa X irratti kan mirkaneesse yoo ta’u, bal’inni marii kanaa garuu gama kamiinuu hin ibsine.
Walgahiin kun kan gaggeeffame biyyoonni lachuu walitti dhufeenya isaanii fooyyessuuf yeroo barbaadanitti.
Turkiin qaama jalqabbii dippilomaasii bal’aa ta’een Masrii dabalatee biyyoota naannichaa hedduu waliin hariiroo daran cimsuuf hojjechaa turte.
Daawwannaan Fidaan gara Masrii kan Wiixata kaleessaa waamicha Ministira Dhimma Alaa Masrii Badir Abdelatii irraa eegale buufata doonii Al-Arish Masrii, qaxxaamura daangaa Raafaa, fi Giddugala Loojistikii Ji’a Diimaa Masrii keessatti dhaabbachuu kan dabalatudha.
Bulchaa Siinaa Kaabaa Meejar Jeneraal Kaled Megawer fi barreessaa olaanaa Liigii Arabaa Ahmed Abuul Giheyit waliinis mari’ataniiru jechuun Anaadooluun gabaaseera.





