ONM-ABO Hagayya 6, 2024
Ministirri Muummee Bangilaadash Sheek Hasiinaa hiriirtonni masaraa mootummaa weerarraan aangoo gadhiisanii biyyaa baqatan.
Bara 2009 aangoo kan qabatan MM Hasiinaa battala mormiin hammaatee, hiriirtonni masaraa mootummaa seenanitti helikooptaraan gara Indiyaa magaalaa Agartala akka balali’an BBC Bengali gabaaseera.
Taatee kana booda Hoogganaan humna waraanaa biyyattii Jenaraal Waker-Uz-Zaman lammiilee biyyattiif haasaa taasisu jedhamanii eegamaa jiru.
Garuu yeroon qondaalli waraanaa kun haasaa ni taasisu jedhamee eegame barfateera.
Barfannaasaanii kanaaf wayita deebii kennan, ”qaamolee dhimmi ilaallatu” waliin mari’achuu waanan qabuuf jedhan.
Boodarra garuu ibsa kennaniin mootummaan ce’umsaa akka uumamu beeksisan.
Pirezidantii biyyattii Mohammad Shahabuddiin waliin mari’achuun haala akka aanjessan fi dhuma guyyichaatti biyyattiif furmaata akka argamsiisan dubbatan qondaalli waraanaa kun.
Paartilee morkattootaa waliinis dubbachuu himan. Garuu eenyu akka mootummaa hoogganu hanga ammaa ifa miti.






