• Tue. Nov 24th, 2026

Waraanni Sudaan haleellaa RSF naannoo Biluu Naayil irratti raawwate ofirraa deebise

Aug 9, 2024

ONM-ABO Hagayya 5, 2024

Raayyaan Ittisa Biyyaa Sudaan haleellaa humni deeggarsa ariifataa (RSF) paramilitary naannoo Biluu Naayil Sudaan kibba bahaa irratti raawwatame ofirraa deebisuu isaa gabaaseera.

Humnoonni Kutaa Waraana Miilaa Afur haleellaa Gulii irratti raawwatame fashaleessaniiru jedheera.

Itti dabaluudhaanis waraanni kun meeshaalee RSF to’annoo jala oolchuu fi loltoota RSF kudhanootaan lakkaa’aman giddu galeessa godhachuu ibseera.

Naannoon Biluu Naayilii bulchiinsa Sudaan 18 jeequmsa itti fufee jiruun kallattiin miidhaman keessaa 13tti makama.

Waraanni Sudaan keessatti Ebla bara 2023 keessa Jeneraal Raayyaa Ittisa Biyyaa Abdel Fattah al-Burhan fi ajajaa RSF Mohamed Hamdan Dagalo gidduutti waliigaltee dhabuu RSF waraana keessatti walitti makuu ilaalchisee ka’e.

Waldhabdeen kun rakkoo gargaarsa namoomaa hamaa kan fide yoo ta’u, lola kanaan namoota gara 16,000 ta’an ajjeesuu fi miliyoonaan lakkaa’aman qe’ee isaanii irraa buqqa’eera.

Sudaan Amajjii 29 Yunaayitid Arab Emireet RSF deeggara jechuun himannaa Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti dhiheessite, himannaa UAE ni haale jechuun Anaadooluun gabaaseera.

Leave a Reply