• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Harargee Bahaa aanaa Malkaa Ballootti, ergamtoonni murna garboomfataa PP uummata irratti saamicha raawwatan

Aug 10, 2024

ONM-ABO Hagayya 6, 2024

Jabbiloonni fi ergamtoonni sirnichaa addatti uummata Oromoo dararuuf godinaalee Oromiyaa adda addaa irratti ajaja Koloneel Abiy Ahimediin bobbaafaman dararaa hamaa uummata Oromoo irratti raawwachaa jiraachuun kan beekamu yommuu ta’u, godina Baha Harargee aanaa Malkaa Ballootti murnoonni bilxiginnaa jiraattota saamuu cimsanii itti fufanii jiru.

Aanaa Malkaa Ballootti murnoonni bilxiginnaa maqaa kaffaltii gosa adda addaa itti dhahuun uummata irratti saamicha raawwachaa kan turanii fi jiran yommuu ta’u, ji’oota afur dura “akka afooshaatti gaagura sadi sadii fidaa” jechuun ganda hundarraa erga walitti qabanii saamaniin booda, gara waajjira isaaniitti galfachuun yeroo ammaa kana immoo kaannisa ofii isaaniin horsiifachaa jiraachuu isiniif gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

Haaluma walfakkaatuun, ganda Qorkee jedhamutti maqaa kaffaltii gosa adda addaa itti dhahuun haala ittiin maallaqa uummataa saaman kalaqanii “mana Abbaa Gadaa ijaaruu diddan” jechuun tokkoon tokkoon jiraattotaa irraa qarshii 3,000-3,000 humnaan dirqamsiisanii adabaa jiraachuu jiraattonni gandichaa ifoomsaniiru.

Guyyaa dheengaddaa jechuun Hagayya 3, 2024 namoota maqaan isaanii:

1. Jamaal Aadam 

2. Abdallaa Amiin 

3. Abduramaan

4. Usmaa’el Bakaree 

5. Ahimad Alii 

6. Aliyyii Abdullee fi kanneen biroo hedduu adabuu isaanii maddeen keenya Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeraniiru.

Leave a Reply