• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Toleetti loltoonni imphaayerattii manneen uummataa gubuu fi dargaggoota ajjeesuu itti fufanii jiru

Aug 10, 2024

ONM-ABO Hagayya 7, 2024

Loltoonni imphaayerattii dirree irratti Waraana Bilisummaa Oromoo lolaan mo’achuu dadhabuun hawaasa nagaa irratti ol deebi’uun gochoota gara jabinaa adda addaa raawwachuun, manneen uummataa gubuu fi lubbuu namaa balleessuu itti fufanii jiraachuun ni beekama.

Haaluma kanaan, godina kibba Lixa Shaggar aanaa Tolee ganda Basuu Abukeekuu jedhamutti Hagayya 6, 2024 manneen lakkoofsaan hedduu ta’an abidda itti shiduun guggubanii barbadeessuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.

Akka Jiraattonni jedhanitti manneen gubatan kunneen abbootiin manaa qe’ee irraa dhukaasaan ar’iamuun kan gubate yoo ta’u, mi’a mana keessaa tokkollee osoo hin baafatin akka jalaa barbaadeessanis dubbatu. 

Dabalataanis, aanichuma ganda Habeebee Sillaasee jedhamutti Hagayya 4, 2024 dargaggoota sadii ammaaf kan maqaan isaanii adda hin baane rasaasa itti roobsuun ajjeesuun himamee jira.

Leave a Reply