ONM-ABO Hagayya 7, 2024
Murni maqaa pirojektii eebbisuun guyyaa guyyaatti biyyattii keessa oliif gadi labuun gamoo bara dheeraan dura hojjetame halluu dibuun suuraa ittiin ka’aa ooluun uummatatti qoosuu fi karaa TV isaanii haasaadhaan gurra hoo’isuu malee guyyaa tokkofillee waan qabatamaa uummataaf hojjetanii kan hin beekne bilxiginnaan, dantaa uummataaf osoo hin taane afaaniin maqaa paartichaa dhaadhessaa ooluun isaanii beekamaadha.
Haaluma kanaan Lixa Wallaggaa aanaa Baabboo Gambeel keessatti misoomaa fi pirojektii hojjechuuf maallaqni ramadameera, maaltu hojjetame jechuun komiishinii Farra Malaanmaltummaa Oromiyaa kan jedhamani fi kaabinoota Baabboo Gambeel gidduutti Wal dhabdee guddaa uumameen baajeta ramannee turre fidaa maal hojjetan waanti hojjetame tokkollee kan hin jirree fi bu’aa mataa keessaniif oolfattan jechuun Hagayya 5, 2024 kaabinootni aanaa Baabboo Gambeel namootni 10 ol wal hidhanii jiraachuu maddeen keenya gamasii ibsan.
Kaabinootni aanaa kanaa kanneen saamicha raawwatan jechuun wal hidhanii jiran maqaan isaanii; Haftaamuu Moosisaa I/G/W/Misoomaa fi Walta’iinsa dinagdee, Minaasee Mulusawu I/G/W/Carraa hojii uumuuf ogummaa, Malkaamuu Raagaa I/G/W/Bishaanii, Abbabee Sanbataa (bulchinsa, Dinqee Taayyee I/G/W/Aadaa fi Turizimii, Habtaamuu Gammachiis I/G/W/Qonnaa, Tasammaa Dinqaa I/G/W/Barnootaa, Gazzaanyi Fiqaaduu Wajjira Badhaadhinaa, Bijigaa Abarraa fi Hasan Indaaluu I/G/W/Eegumsa Fayyaa ta’uun beekamee Jira.
Akka odeessi keessoo isaaniitii ba’e addeessutti walitti deebi’uun wal dhabdee cimaan keessoo isaaniitti dho’ee jiraachuun, namootni maqaan isaanii armaan olitti eerame, maallaqa pirojektii adda addaaf ramadame qarshii miliyoona 1.2’tu isin biratti badee ofiif oolfattan jechuun walii isaanii Wal loluun kan hidhaman ta’uu jiraattonni diraamaa kana ilaalaa jiran ONM’f himanii jiru.
Bilxiginnaan walii isaanii maallaqa uummata irraa saamuu, dantaa ofii isaaniif fiiguun akka jaldeessaa wal abootaa ooluu malee rakkoo hawwasichi keessa jiru yeroo tokkoofillee millatanii kan hin ilaalle ta’uu fi tajaajila hawaasaa manneen barnootaa, keellaa fayyaa, daandii fi tajaajilli hawwaasaa tokkollee sadarkaa afaaniitti malee uummata ijaan agarsiisanii hin beekan.

