• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Shaambuutti ajjeechaa fi hidhaan haalaan jabaachuu ONM odeeffateera

Aug 11, 2024

ONM-ABO Hagayya 8, 2024

Dhaabni dhaabbii hin qabne bilxiginnaan ajjeesuun gootummaa kan itti fakkaatu waraana naamusaa fi kabaja namummaa hin qabne dantaa xiqqoon goyyomsee hawaasatti bobbaasee ajjeechaa raawwatu jabeessuun godina Horroo Guduruu Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Shaambuutti dhihoo kan taate iddoo addaa Baqqalee jedhamutti namoota nagaa lama ajjeesanii gatuun ifoomeera.

Namoota Ajjeefaman kana dheengadda halkan Hagayya 6, 2024 bakka wal-qaxxaamura daandii gubbaa irratti waraanni koloneel Abiy Ahimed uffannaa waraanaa itti uwwisuun Waraana Bilisummaa Oromoo fakkeessanii yoo ajjeesan, namoonni ajjeefaman kunneen eenyummaan isaanii akka hin baramneef fuula isaanii saanjaan akka waraanan namni ijaan arge tokko ONM’f himeera.

Kana malees guyyaa Kaleessaa Hagayya 7, 2024 waraanni faashistii PP bulchiinsa magaalaa Shaambuutti bobba’uun ganda Baqqalee jedhamu keessaa namoota hedduu maqaa hariiroo WBO qabduun qabanii qajeelcha poolisii magaalaa Shaambuutti jumlaan hidhanii jiraachuunis beekameera.

Leave a Reply