ONM-ABO Hagayya 8, 2024
Mootummaan nama nyaataan imphaayera Itiyoophiyaa miidiyaalee qabu hunda gargaaramuun Waraana Bilisummaa Oromoo balleessuuf hololaa fi shiraan dadhabee yeroo gara yerootti tooftaa adda addaa bocuu fi kalaquun maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo cilee dibuuf ifaajjii irratti kan argamuudha.
Haaluma kanaan, godina Wallagga Lixaa aanaa Gimbiitti murnoonni bilxiginnaa namoota maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo dhahachuun saamicha geggeessuu danda’an leenjisanii bobbaasuun isaanii baramee jira.
Aanaa Gimbii gandoota hunda keessatti maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo dhahachuun uummata akka saamaniif namoonni 7 murnoota bilxiginnaa irraa dirqama fudhachuun uummata aanichaa garmalee dararaa jiraachuu jiraattonni aanichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Murni kunneen dabalataan kibba Lixa Shaggar aanaalee akka Daawoo, Tolee, Bachoo fi Sadeen Sooddoo keessatti illee baayinaan maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo balleessuuf bobbaafamanii akka jiran irra deddeebiin gabaasaa turuun keenya kan yaadatamuudha.




