• Thu. Nov 26th, 2026

Godina Wallagga Lixaa aanaa Mana Sibuutti loltoonni impaayera Itoophiyaa hawaasa nagaa hidhuufi dararuu itti fufanii jiru

Aug 11, 2024

ONM-ABO Hagayya 8, 2024

Guyyaa guyyaan badii tokko malee ilmaan Oromoo hunda maqaa adda addaa itti maxxaansuun sababanii kutaalee Oromiyaa cufa keessatti hawaasa nagaa hidhuufi dararuu itti fufanii jiraachuun beekamee jira.

Haaluma kanaan, godina Wallagga Lixaa aanaa Mana Sibuutti loltoonni impaayera Itoophiyaa hawaasa nagaa hidhuu fi dararuu itti fufuun eeramee jira.

Guyyaa kaleessaa Hagayya 7, 2024 ganda Geeboo Lalisaa jedhamu irraa dargaggoo maqaan isaa Muktaar Beekamaa jedhamu badii tokko malee loltoonni impaayera biyyattii “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jechuun harkasaa duubatti hidhanii garmalee reebicha hamaa ta’e irratti raawwachuun waajjira poolisii aanaa Mana Sibuutti hidhanii jiraachuu namoonni itti dhiyeenyaan beekan ni dubbatu.

Dargaggoon kun doqdoqqee oofee kan jiraatuufi nama siyaasa kam keessallee hin jirre ta’uu namoonni kun itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himanii jiru.

Leave a Reply