ONM-ABO Hagayya 10, 2024
Xiyyaarri Biraazil kutaa Saawoo Paawuloo keessatti kufee namoonni 61 xiyyaaricha keessa turan du’aniiru.
Xiyyaarri kun imaltoota 57 fi hojjettoota afur fe’ee ture; Angawoonni naannoo akka jedhanitti namoonni lubbuun hafan hin jiran.
Pireezidaantiin Biraazil Luwiiz Inasiyoo maatii fi hiriyyoota namoota miidhamaniif tumsa qaban ibsaniiru.
Bulchaan kutaa Saawuu Paawuloo Taarsiyoo Goomes guyyoota sadiif gadda labsan.
Dhaabbanni xiyyaara Faransaay fi Xaaliyaanii qorannoo kanaaf tumsa akka godhu ibseera.
Xiyyaarri kun naannoo mana jireenyaa keessa bu’us namni lafa jiru hin miidhamne.
Qondaaltonni akka jedhanitti, kompileeksii kondominiyeemii naannoo sanaa keessatti manni tokko qofti miidhameera jedhan jechuun Rooters gabaaseera.


