• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Baha Shaggar aanaa Booraa keessatti waraanni balleessaan sirnichaa manneen uummata nagaa gubuun godaansisaa jiraachuun beekame

Aug 12, 2024

ONM-ABO Hagayya 10, 2024

Mataan nafxanyootaa koloneel Abiy Ahimed waraana wallaalaa fi sammuun hadoode fayyadamuun uummata ficcisiisaa kan jiru, afaaniin misooma labsaa isa jiru ammoo balleessuun lammiilee biyyattii gara kufaatii hamaatti geessaa jiraachuun beekamaadha.

Haaluma kanaan Baha Shaggar aanaa Booraa ganda Tubbee Tuutii keessatti Hagayya 8, 2024 uummata nagaan jiruu isaa hojjetatee jiraatutti waraana bobbaasuun isin WBO waliin hidhata qabduu jechuun manneen namootaatti abidda shiduun qabeenyi mana keessaallee tokko osoo hin hafne barbadeessaa jiru, namoota manneen isaanii jalaa gubate keessaa muraasni kan maqaa arganne Malkaa Daadhii, Daagoo Adaanuu, Roobaa Bobaa, Ditaa Holeedha.

Kana malees aanicha keessatti gochoota akkanaa maqaa WBO itti maxxansuun hidhaa, reebaa, saamaa fi ajjeesaa jiraachuun uummata achirraa buqqisuun uummatni gara itti deebi’u dhabe kun nama itti iyyatee rakkoo isaaf furmaata argatu dhabuun hedduu rakkachaa jiraachuu jiraattonni aanichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf gabaasanii jiru.

Leave a Reply