ONM-ABO Hagayya 11, 2024
Murni WBO lolaan dadhabee holola oofuu hojii idilee isaa godhate bilxiginnaan, godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa bakkoota adda addaatti hawaasa hojii idilee dhorkanii walga’ii waamuun Abbootii Amantaa, abbootii Gadaa fi Haadholee Siinqee fuuldura uummataatti baasanii dirqamaan WBO akka balaaleffatan taasisaa jiraachuun beekame.
Haaluma kanaan, Hagayya 6, 2024 gandoota aanaa Saasiggaa jalatti argaman kanneen akka Gelaa Qarsaa, Gammannee, Odaa, akkasumas bulchiinsa magaalaa Jimaataa irraa uummata walitti qabuun waltajjii baasanii diraamaa hojjechuu itti fufanii jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyooleessa Oromiyaatiif himaniiru.
Akka maddeen jedhanitti, “seexanayyuu maqaa yesuusiin ifatanii baasu nuti ammoo WBO Oromiyaa keessaa baasuu dadhabne waan ta’eef, haa badu! haa barbadaa’u!’ jedhaa harka keessan ol kaasaatii abaaraa” jechuun waraanni bilxiginnaa humnaan hawaasa keessa deemuun suur-sagalee waraabaa diraamaa hojjechaa oolan jechuun dubbataniiru”.
Akkasumas, hirmaattota waltajjii keessaa namoota maqaan isaanii:
- Yohaannis Fiqaaduu,
- Maandellaa Mitikkuu,
- Bilisaa Eebbisaa,
- Jireenyaa Gammachuu ,
- Biqiltuu Xoonee,
- Isira’eel Morkaa,
- Seenaa Tashoomee,
- Seenaa Iddoosaa,
- Lalisee Morkaa fi kanneen biroo hedduu ta’an yeroo yeroon odeeffannoo nuuf kennitu jechuun lakkoofsa bilbila isaanii galmeeffatanii deeman jechuun maddeen keenya itti dabaluun eeraniiru.

