ONM-ABO Hagayya 10, 2024
Waraanni faashistii PP aangoo siyaasaa koloneel Abiy Ahimed tiksuuf bobbaafaman Oromiyaa bakkoota adda addaatti ilmaan Oromoo qe’ee abbaa isaa irratti jireenya dhorkuun sababa Oromummaa isaa qofaaf yakkanii hidhaa, saamaa, ajjeesaa fi qe’eef qabeenyaa irraa buqqisaa akkasumas reebicha hamaa irraan ga’aa jiraachuun ni beekama.
Bifuma kanaan, godina Baha Wallaggaa aanaa Waayyuu Tuqaatti hidhaa fi reebichi jiraattota irratti raawwatu cimee itti fufee jiraachuu namootni itti dhiheenyaan beekan ONM’f himaniiru.
Hagayya 7, 2024 lafa barii toora sa’atii 11:00 keessa ganda Haroo jedhamu irraa ”Ilmaan keessantu miseensa WBO’ti” jechuun namoota maqaan isaanii:
- Saafanii Baay’isaa,
- Fiqee Ujuluu,
- Bakkalchee Mootii fi
- Buzunee Baqqalaa jedhaman ukkaamsuun hidhanii dararaa jiraachuu jiraattonni gandichaa himan.
Dabalataan, guyyuma kana nama maqaan isaa Alamaayyoo Tafarraa jedhamu ”hidhata WBO qabda” jechuun badii tokko malee reebicha hamaa irraan ga’uun bakkeetti gatanii deemuu maddeen itti dabaluun eeraniiru.


