ONM-ABO Hagayya 10, 2024
Sirni hawwii fi fedhii isaa argachuu malee dantaan hawaasaa yeroo tokkoof illee itti hin dhaga’ame bilxiginnaan, guyyuu uummata boqonnaa dhorkachuun dararaa daangaa hin qabne irratti raawwachaa jira.
Haaluma kanaan Hagayya 9, 2024 godina Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu kaarraa ganda Agamsa Ballaa jedhamutti halkan Magaalaa aanichaa irraa ka’uun ganama bariin gandichatti marsuun qe’ee hawaasaa goolaa ooluun, namoota hedduu uleen dhaanaa kan turani fi obbo Duulaa Hordofaa abbaa maatii kan ta’e immoo ati hidhata WBO qabda jechuun qabanii reebicha hammaataa irratti raawwachuun si ajjeesna jechuun doorsisaa turuu jiraattonni himan.
Waraanni fi Kaabinoonni sirnichaa wal guuruun gara gandichaatti kan deemaniif maqaa gibiraan saamicha raawwachuuf, akkasumas uummatichuma dararuuf kaayyeeffatanii dhufuu isaanii maddeen Keenya gamasii ONM’f himanii jiru.

