• Wed. Nov 25th, 2026

Pirezidaantiin Bulchiinsa Yeroo Tigraay fi Itti aanaan Dura taa’aa Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraay /ABBUT/ Geetaachaw Raddaa yaa’ii addichaa taa’amuuf karoorfame irratti akka hin hirmaanne ibsan

Aug 12, 2024

ONM-ABO Hagayya 11, 2024 

Geetaachaw Raddaa yaa’ii paartiin isaanii dhiyeenyatti gaggeessuuf karoorse irratti kan hin hirmaanne ta’uu xalayaa dura taa’aa paartichaaf barreessaniin beeksisan.

Xalayaa Dabratsiyoon Gabramikaa’eelitti barreeffame kanaan, “adeemsa diimokraatawaa fi seera qabeessummaa yaa’ichaa irratti waliigaltee irra osoo hin ga’amin, akkasumas koreen giddugaleessaa paartichaa irratti osoo hin murteessin sochiin taasifamu sirrii miti,” jedhan.

“Sochiin murna tokkoon amma gaggeeffamaa jiru paarticha kan diigu waan ta’eef cimsee nan morma,” jedhan.

Garee Getaachaw Raddaa fi Dabratsiyoon Gabramikaa’eel gidduu walqocoluu cimaatu jira jedhamaa jira.

Mootummaan Itoophiyaa Abiy Ahimad ABBUT otoo adeemsa boordii filannoo waliin qabu hin xumurin yaa’iin taa’u rakkoo dhala jechuun akeekkachisanii turuu isaa beekame

Gareen Dabratsiyooniin hoogganamu immoo beekamtii ABBUT’f akka deebi’u Boordii filannootti xalayaa galchinee jirra, hatattamaan deebii nuuf kennaa, kanaan achi yaa’ii ni teenya jechaa jira.

Gareen Getaachaw Raddaa immoo yaa’iin amma jarjarsuun murni tokko taa’uuf fiigu rakkoo qaba itti hin hirmaannu jechaa jira.

Mootummaan Abiy adeemsi karaa Boordii Filannoo otoo hin xumuramin yaa’ii taa’uun rakkoo fida, boordii biraa beekamtii hin argatu, kun immoo ABBUT filannoo irratti akka hin hirmaanne taasisa jechuun akeekkachiise.

Gara waraana amma dura turetti akka nu hin deebifne jechuutti kan jiru Abiy Ahimed.

Gareen wal garreffannaa gama kaabaatiin mul’atu daran keessoo mootummichaaf yaadd.oo akka qabaatu gamaa gamanaa wal jifachuun mul’achuun himame

Leave a Reply