• Mon. Mar 16th, 2026

Godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaatti milishaan PP tokko hidhannoo guutuu waliin gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennate

Aug 13, 2024

ONM-ABO Hagayya 12, 2024 

Dirqamaan na jaalladhuun jaalala hin taatu “akkuma jedhan, Bilxiginnaan dargaggoota Oromoo fedhii isaanii malee dirqamaan butuun” imphaayera keenyaaf loli” jedhee baroota irraa mooraa leenjii waraanaatti guuraa oola. 

Erga leenjisanii baasaniis bakka hojii isaaniitti shakkuun dararaa hamaa irraan ga’u, dargaggoonni eenyummaa ofii beekan immoo sirnichi nama nyaataa ta’uu fi  imphaayera kan leellisu ta’uu isaa erga gadi fageenyaan hubatanii gara kaayyoo uummata Oromoo isa dhugaatti dhufuun irree fi gaachana sabaa kan ta’e WBO’tti makamuun mooraa diinaa onsaa jiru.

Haaluma kanaan, milishaan PP tokko Hagayya 10, 2024 godina Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaa ganda Fayyineerraa jedhamu irraa ba’uun, aanaa Saasiggaa ganda Abbaa Daalee jedhamuttti Waraana Bilisummaa Oromoo aanaa Saasiggaa ganda Abbaa Daalee keessa socho’utti harka kennatee jiraachuun ibsameera.

Innis, hoggaa gara Waraana Bilisummaa Oromoo bakkichaatti dhufu kunuunsa gaarii isaaf godhametti gammaduu fi ofii isaa immoo mooraa diinaa keessaa, qawwee AKM tokko (1) rasaasa waliin  fiduun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof galii godhee jiraachuun himameera.

Akka milishaan kun jedhutti, “ilmaan Oromoo irratti yakkoota gara jabinaa adda addaa akka raawwannuuf dirqamni nutti kennama, osoo hin jaallatin saba keessaa baane reebicha, saamicha,  mana irraa gubuu, qe’eerraa godaansisuu fi ajjeechaa irratti raawwataa oolla, amma mooraa sana keessaa ba’ee waraana dhugaan saba keenyaaf qabsaa’utti makamuu kiyyaaf gammachuu guddootu natti dhagaa’amas jedha.

Kanneen mooraa imphaayera nama nyaataa keessa jirtan akkuma koo qawwee fi hidhannoo keessan fidaatii waraana loltuu dhugaa ta’ee saba isaaf jooree jaawwaru WBO’tti harka kennadhaa” jechuun turtii isaa mooraa diinaa keessatti dabarseef gaabbuun ilmaan Oromoo loltoota imphaayera Itiyoophiyaa jala jiraniif dhaamsa dabarsee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading