• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Gujii Bahaa aanaa Gooroo Doolaa keessatti manneen qonnaan bultootaa loltoota sirnichaan gubachuun maatiin manni irraa gubates hidhaatti guuraman

Aug 13, 2024

ONM-ABO Hagayya 13, 2025 

Roorroon daangaa darbee fi gidiraa hamaan uummata nagaa irratti geggeeffamaa kan jiru Oromiyaa keessatti waggoota murni PP aangoo impaayerattiitti dhufee kaasee uummaticha gaaga’ama lubbuu dabalatee mancaatii qabeenyaaf saaxilee jira.

Haaluma kanaan Godina Gujii Bahaa aanaa Gooroo Doolaa ganda Adaadii jedhamu keessatti guyyaa kaleessaa Hagayya 12, 2024 sa’a 6:00 irratti manneen uummata nagaa kanneen siyaasa keessaa hin qabnee fi cilee gubuun jiraatan manneen isaanii irratti gubuun maatiis jumlaan guuranii mana hidhaatti darbachuun beekame. 

Namoonni manneen isaanii irratti gubachuun maatiin hidhaatti guuraman maqaan isaanii:

1. Netesaa Uddeessaa fi

2. Nageessaa Uddeessaa kan jedhaman yoo ta’an, Nageessaa Uddeessaa fi haadha manaa isaa Mennennoo Boruu kan jedhamtu qabuun qe’eef qabeenyi isaanii jalaa gubatee osoo jiruu isaaniinis gara mana hidhaatti geessanii jiraachuu jiraattotni dubbatu. 

Akka jiraataan gandichaa Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise jedhetti uummata nagaan jireenya isaanii geggeeffatan manaa fi qabeenyaa isaaniin ala gochuun waqtii gannaa kanatti bakka da’annoo dhabuun rakkachaa akka jiran ONM’f himee jira.

Leave a Reply