• Wed. Nov 25th, 2026

Bulchiinsa magaalaa Shaggar Siitii kutaa magaalaa Buraayyuutti dargaggoota goyyomsaan leenjii waraanummaatti ergaa jiraachuun dhagaa’ame 

Aug 15, 2024

ONM-ABO Hagayya 14, 2024

Murni garboomfattootaa Bilxiginnaan siyaasni  Oromoo akka badu waan barbaaduuf humna waraanaa kuma dhibbootaan Oromiyaatti bobbaasaa osoo jiruu, ammayyuu ajjeechaa Oromoo irratti raawwachaa jiru itti fufuuf dargaggoota Oromoo gowwomsaa fi humnaan guuruu cimsee itti fufeera.

Weerarri Habashaa waggaa 150’f uummata Oromoo irra jiru kun aangoo siyaasaa, afaan, aadaa, amantii fi akkaataa jireenya sabichaa hamma malee miidhuu fi sadarkaa barbadeessuu irratti kan argamu, “soogidda  Soogiddaan cabsu” akkuma jedhamu Oromoo Oromoo irratti bobbaasuun kutaalee Oromiyaa adda addaa irraa namoota guuruun dirqiin leenjisaa akka jiranis beekameera. 

Akka Jiraattonni bulchiinsa magaalaa Shaggar Siitii kutaa magaalaa Buraayyuu jedhanitti dargaggoota barnoota sadarkaa tokkoffaa barachaa turuun qormaata kutaa 8’ffaa fudhatanii turanii fi kanneen biroo waraanni faashistii PP fi kaadiroonni sirnichaa osoo isin jirtanii Oromoon weeraramaa jedhanii akka waan uummataaf yaadaniitti daa’imman ol adeemoo qarshii 500’n tokko tokkoo isaaniif kennuun gowwomsanii gara mooraa leenjiitti guuraa akka jiran jiraattonni ONM’tti himaniiru

Leave a Reply