ONM-ABO Hagayya 14, 2024
Loltoonni PP waanuma yaada isaanii keessa dhufe hunda gara hawaasaatti fiduun uummata dararaa kan jiran yoo ta’u, godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Mattuutti lafa qonnaan bultootaa saamaa jiraachuun gabaafame.
Aanaa Mattuu ganda Madee jedhamutti maqaa “misooma baala shaayii” jedhuun torbee darbe irraa eegalee qonnaan bultoonni lafa isaanii kennuuf akka mallatteessan dirqisiifamuu fi kanneen didan immoo hidhamaa jiraachuu jiraattonni gandichaa himan.
Akka Jiraattonni jedhanitti lafa humnaan nu dirqisiisanii nurraa guuraa jiru, kun ammoo nuuf maatii keenya beelaan rukuta, lafti nuti qabnus xinnoodha, ofii keenyaafuu callaa gahaa irraa galfannee akka garaa keenyatti jiraachaa hin jirru jechuun dabaluun dubbatan.
Maqaa misooma baala Shaayii jedhuun kaabinootni Bilxiginnaa waraana isaanii waliin ta’uun uummata yeroo dirqisiisanii lafa irraa dhuunfatan maatii hedduun gaddaa turuun barameera.




