ONM-ABO Hagayya 15, 2024
Yeroo garaa garaatti maqaa “sakatta’a Waraana Bilisummaa Oromoo isa dhumaa” jedhuun goleewwan Oromiyaa mara keessa sosso’uu fi haleellaa Waraanni Bilisummaa Oromoo irratti banuun injifatamee of duuba deebi’aa kan jiru waraanni goolessituu imphaayera Itiyoophiyaa, Waraana Bilisummaa Oromoo of fakkeessuun uummata nagaa saamee duula maqa balleessii geggeessaa jira.
Haaluma kanaan, guyyaa dheengaddaa Hagayya 13, 2024 waraanni PP godina Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa ganda Kolfee jedhamutti Waraana Bilisummaa Oromoo of fakkeessuudhaan rifeensa isaaniitti rifeensa namtolchee dhahatanii waajjira gandaa erga gubaniin booda, “ijoollee keessantu akkas godhe” jechuun uummata nagaa nama tokko irraa qarshii dhibba lama-lama maqaa waajjira deebisnee ijaarra” jedhuun saamaa jiraachuu jiraattonni gandichaa ifoomsan.
Akka jiraattotni kun jedhanitti, gochi kun itti yaadamee qaamuma biyya bulchina ofiin jedhaniin maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo balleessuuf kan raawwateedha jechuun, gochi jibbisiisaan akkasii yeroo jalqabaaf kan raawwates akka hin taanee fi maqa balleessiin yeroo adda addaatti ergamtoota bilxiginnaan kan hololamu ta’uu isaa itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

