ONM-ABO Hagayya 14, 2024
Lakkoofsi namoota haleellaa qawwee daangaa Keeniyaa fi Itoophiyaa irratti raawwatameen lubbuun namoota darbee saddeetitti ol guddachuu isaa qondaaltonni himan.
Namoota kudhan konkolaataa fe’umsaa haleellaa Wiixata halkan raawwatame kana keessa turan keessaa lama qofatu lubbuun hafe.
Taateen kun kan mudate Daangaa Keeniyaa fi Itoophiyaa Ellediimtuu daandii Forolle-Turbi irratti konkolaataa Naayiroobii irraa gara Duukaanaatti meeshaalee nyaataa geejjiba ture irratti namoonni lakkoofsi isaa hin beekamne haleellaa kana raawwatan.
Yeroo haleellaan kun raawwatametti konkolaataan fe’umsaa kun imaltoota 10 fe’ee ture.
Bulchaan Marsabit Mohamud Mohamed Ali hoggantoota naannoo hoogganuudhaan haleellaa kana balaaleffachuun imaltoota konkolaataa kana keessa turan kudhan keessaa saddeet rasaasaan ajjeefamuu fi reeffi isaanii konkolaataa cinaatti argamu gubateera jedhan.
Imaltuun tokko akka malee kan miidhame yoo ta’u, kan biraan daa’ima umriin isaa hin geenye osoo hin miidhamiin miliqee jira.
“Nuti hoggantoonni, maatii, hiriyoota fi firoota namoota du’aniif , maqaa ummata Marsabittiin jajjabina hawwina jechuun, gochoota fokkisaa kana jechoota cimaa ta’een balaaleffanna,” jedhan bulchaan kun.
Haleellaa kana hordofuun poolisiin akka jedhutti konkolaataan fe’umsaa kun boqqolloo kg 100 boorsaa 80, sibiilaa 60, boba’a liitira 200, muka 3, fi meeshaaleen adda addaa gatii hin beekamne biroo waliin barbadaa’aniiru.
Hoggantoonni kun mootummaan biyyaalessaa karaa Ministeera Biyya Keessaa, tasgabbii fi idileen akka deebi’uuf haleellaa kana dhaabuuf tarkaanfii isaaf malu akka fudhatu gaafataniiru jechuun The Star Keeniyaa gabaaseera.

