ONM-ABO Hagayya 15, 2024
Kaayyoon Murna Bilxiginnaa uummata Oromoo dinagadee fi hawaasummaan dadhabsiisee duubatti hambisuun, ofii isaanii ammoo akkaataa saamichaaf isaaniif mijaa’utti afaan qawwee fi aangoo qabanitti dhimma ba’uun kallattii maraan waan hawaasa Oromoo ni miidhaa fi kasaaraa irraan ga’a jedhan itti yaadanii hojjechaa kan jiran ta’uu taatee isaan guyyaa guyyaan raawwachaa jiran ragaadha.
Haaluma kanaanis, Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee keessatti hidhattootni murna faashistii PP Hagayya 12, 2024 irraa kan duraa caalaatti bifa haaraan konkolaachiftootaa fi daldaltoota magaalaa Kamisee irraa gara Odaa Bal’aatti meeshaalee garaagaraa fe’uun imalan milishoonni fi waraana weerartuu PP bakka addaa Bakkajjaa jedhamutti daandii hidhanii eeguun, hayyama keenya malee maaliif deemtu? karaa Odaa Bal’aa WBO’tu jira isaaniin wal quba qabdu jechuun konkolaachiftoota yoo hidhan daldaltoota ammoo reebicha ulfaataa fi saamicha irratti raawwataniiru.
Akka jiraattotni ONM’tti himanitti konkolaachisaa Mahaammad Ibraahim jedhamu dhalataa magaalaa Caffaa kan ta’e konkolaataa isaa Isuzu waliin qabuun erga isa saamaniin booda hidhaniiru jechuun jiraattotni dubbatu.
Daldaltootni kun dabaluun akka himanitti hidhattoota sirnichaan yeroo adeemsa dhorkaman kana meeshaalee turuu hin dandeenye baduu danda’an kanneen akka jimaa, timaatimaa fi maangoo qabnee jirra yeroo jedhanii itti himatanitti, inumaa fidaa jechuun harkaa saamuu isaanii dabaluun ifoomsaniiru.
