• Thu. Nov 19th, 2026

Godina Baha Wallaggaa aanaa Waamaa Hagalootti hidhamtoonni siyaasaa dararamaa jiraachuun dhagaa’ame 

Aug 18, 2024

ONM-ABO Hagayya 15, 2024

Bara bulchiinsa bilxiginnaa kana maqaa uummata Oromoo da’oo godhachuun aangoo of-harkaa qabanitti fayyadamanii ilmaan Oromoo maqaa farra taayitaa keenyaati jedhuun dararaa irraan ga’an hammeessanii jiru.

Bifuma kanaanis hidhamtoonni siyaasaa godina Baha Wallaggaa aanaa Waayyuu Tuqaatti maqaa WBO waliin hidhata qabduun waggootaaf mana hidhaa keessatti dararamaa jiran danuu ta’uun kan beekamu yoo ta’u muraasa maqaan nu ga’es qindeeffanneera.

Aanaa Waayyuu Tuqaa ganda Bonayyaa Moloo iddoo addaa Burqaa jedhamu irraa namoonni maqaan nu dhaqqabe: 

  1. Maartaa Bijigaa Hordofaa,
  2. Sannaayit Bijigaa Hordofaa,
  3. Laggasee Abbabaa Ayyaanaa, 
  4. Kuulii Tolosaa Beenyaa, 
  5. Misgaanuu Tashoomaa Galataa, 
  6. Addaamuu Gurmeessaa, Maskaayitee Laggasaa, 
  7. Nagaraa Galataa, 
  8. Milkeessaa Bulii, 
  9. Gaaddisaa Waaqumaa Taaddasaa, 
  10. Addisuu Guusan, 
  11. Yaaddessaa Iddoosaa, 
  12. Tsannaayyee Geetaachoo Maammoo, 
  13. Sandaabee Tasfaa Guuttataa, 
  14. Siisaay Tasfaa Guuttataa, 
  15. Misgaanee Daargee Moosisaa, 
  16. Shittaayee Dandanaa, 
  17. Gammachuu Mitikkuu Hordofaa,  
  18. Addisuu Fayyeeraa, 
  19. Abdii Tasfaayee Fayyisaa, 
  20. Gammachuu Kaasahuu, 
  21. Malkaamuu Uummataa, 
  22. Tsagayee Maarqos, 
  23. Caalaa Eebbaa,  
  24. Misgaanuu Taammanaa, 
  25. Rabbumaa Hiikaa, 
  26. Yoonaas Taayyee, 
  27. Yaalaa Fayyaa Abdii fi 
  28. Somaa Dhangeeyaa kanneen jedhaman dabalatee namoonni hedduun hidhamanii jiraachuun beekameera.

Leave a Reply