• Mon. Mar 16th, 2026

Godina Baha Wallaggaa aanaa Kiiramuutti ergamtootni Bilxiginnaa maatii qabsaa’otaa doorsisuu itti fufan

Aug 19, 2024

ONM-ABO Hagayya 16, 2024

Ergamtootni bilxiginnaa gubbaa hanga gadiitti sirna bututtuu imphaayera itiyoophiyaa suphuuf jecha uummata irraa dhalatanitti deebi’anii afaan qawwee itti gara galchanii saamuu, reebuu, ajjeesuu, doorsisuu fi mana irratti gubuun hiraarsaa ulfaataa  irraan ga’aa kan jiran ta’uun ni beekama. 

Haaluma kanaan, godina Baha Wallaggaa aanaa Kiiramuutti itti aanaan bulchaa godina Wallagga Bahaa maatii qabsaa’otaa doorsisaa jira.

Hagayya 12, 2024 itti aanaan bulchaa godina Baha Wallaggaa maatii qabsaa’otaa gandoota aanichaa hunda irraa walitti guuruun jechoota safuu namummaa keessa hin jirreen qorqalbii isaanii miidhaa turuu maddeen keenya eeran.

Hooggansi bilxiginnaa kun, maatii qabsaa’otaa walitti qabee doorsisa adda addaa irraan ga’aa kan ture yoo ta’u “ijoollee keessan lagaa waamaa galchaa, torbee tokko qofa isiniif laannaa fi hanga torban tokkootti hin galchitan taanaan, gatii keessan ni argattu” jechuun hawaasa siyaasa kam keessaayyuu hin qabne doorsisuu isaa namoonni doorsifaman kun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading