• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Jimmaa bulchiinsa magaalaa Jimmaatti reebichaa fi hidhaan dargaggoota irratti raawwatamu cimee itti fufe

Aug 20, 2024

ONM-ABO Hagayya 16, 2024 

Loltoonnii fi ergamtoonni murna gabroomfataa PP hawaasa nagaa sobaan yakkuun ukkaamsanii hidhaatti darbachuu kan aadeffatan yoo ta’u, addatti immoo dargaggoota Oromoo irratti xiyyeeffachuun jumlaan ukkaamsuu akkuma itti fufanitti jiru.

Haaluma kanaan, godina Jimmaa bulchiinsa magaalaa Jimmaatti reebichaa fi hidhaan dargaggoota irratti raawwatamu kan duraanii caalaa cimee itti fufee jiraachuun ibsameera.

Magaalicha ganda Ginjoo Bakka addaa Ajiippii Hoteela Muraa fi Kitifoo Tasfaa jedhamu keessatti Hagayya 15, 2024 sa’a 12:00 irratti dargagoonni lama sababa Afaan Oromoo dubbataniif hojjettoota manichaatiin uleen rukkutamuu jiraattonni itti dhiyeenyaan beekan ni dubbatu.

Dargaggoonni uleedhaan rukutaman maqaan adda bahuu baatus erga rukkutamanii sababa maaliif rukkutamna jedhanii gaafachuu isaaniitiif qaamni nageenyaa PP gaachana sirnaa fi Poolisii Oromiyaa jedhaman duubaan itti waamuun dargaggoota lameen kana dabalataan reebuun paatirooliidhaan fuudhanii gara mana hidhaa magaalichaa Alaazaar jedhamu geessuu isaanii jiraattonni eeranii jiru.

Akka jiraattonni gandichaa ONM’tti himanitti, hojjettoonni manichaa uleedhaan hoggaa rukkutan warri PP immoo piistoon doorsisuun Shiboo ibsaatiin tumaa paatirooliidhaan fuudhanii deeman jechuun himan.

Leave a Reply