• Wed. Nov 25th, 2026

Lakkoofsi namoota Gaazaa keessatti du’anii 40,000 caale jedha ministeerri fayyaa

Aug 20, 2024

ONM-ABO Hagayya 16, 2024

Waraana Israa’el fi Hamaas Gaazaa keessatti geggeeffameen lammiileen Falasxiin 40, 000 ol ajjeeffamuu Ministeerri Fayyaa naannoo sanaa Kamisa Kaleessaa ibseera.

Haleellaa Israa’el kanaanis namoota 92,401 madaa’uu fi ummata dhibbeentaa 85 ol qe’ee isaanii irraa buqqisuu ministeerri Gaazaa Hamaasiin bulfamu beeksiseera.

Beeksisni kun kan ba’e yeroo jiddu-galeessitoonni idil-addunyaa waraana baatii hedduu lakkoofsise ilaalchisuun dhukaasa dhaabuu gidduu galeessa godhachuuf dhiibbaa biraa taasisaa jiranitti.

Israa’el booji’amtoota keessaa 111 reeffa namoota 39 dabalatee akka hin gadhiifamne dubbatti.

Namoonni booji’aman dubartoota 15 fi daa’imman umuriin isaanii waggaa 5 gadi ta’e lama.

Gaazaatti, qondaaltonni fayyaa namoota du’an guutummaatti adda baasuuf rakkataniiru, reeffa gara hospitaalotaa fi mana reeffaa humnaan guutameetti yaa’uun jeequmsa waraanaa fi buqqa’iinsa gidduutti lakkoofsi kun qindaa’eera jedhan.

Ministeerichi gabaasa bal’aa dhiheenya kana namoota du’an ilaalchisee baaseen namoonni 40,005 ajjeefamaniiru jedhe.

Waraanni Israa’el loltoonni Hamaas gara 15, 000 ta’an namoota Gaazaatti ajjeefaman keessaa tokko ta’uu himatus ragaa hin dhiheessine.

Namoota Gaazaa miliyoona 2.3 keessaa gara dhibbeentaa 85 ta’an mana isaanii irraa ari’amanii, haleellaa lafa irraa jalaa miliquuf  naannoo sana keessa baqataniiru jechuun Rooyiters gabaaseera.

Leave a Reply