• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Arsii Bahaa aanaa Siree keessatti reebichi, hidhaa fi saamichi waraana faashistii PP’n jabaatee jiraachuu jiraattonni ONM’tti himan

Aug 21, 2024

ONM-ABO Hagayya 17, 2024

Murni bilxiginnaa aangoo abbaa irrummaa afaan qawween tikfachaa jiruun uummata nagaa cafaqee bulchuuf jecha maqaa WBO waliin hariiroo qabdu, eeruu laattuuf, ni nyaachistuu fi hojii loojistikii hojjettu jechuun namoota nagaa ittiin hidhuu hammeessaniiru.

Haaluma kanaanis godina Arsii Bahaa aanaa Siree ganda Kolooba Hawaasitti Hagayya 16, 2024 uummata nagaa reebaa fi hidhaa kan turan yoo ta’u, namoota gochi kun irratti raawwate keessaa kan maqaan isaanii nu ga’e muraasni, Addisuu Tufaa, Kaasaa Takkaa fi Diimaa Qumbii kan jedhamaniidha.

Namootni kun waraana faashistii PP’n qabamanii hiraarfamaa kan jiran yoo ta’u,  kanneen reebichi jabaan irratti taasifamee yaala fayyaa dhabanii jiranis; Caalaa Baqqalaa, Birraa Raggaasaa, Daggafaa Waarii, Bachaanee Damee fi Muktaar Gabii namoota jedhaman ta’uun barameera.

Dabalataanis Obbo Muktaar Gabii jalaa uffannaa fi bilbila harkaa guddaa yoo saaman, Tajuu Gabii ammoo uffannaa isaa kofoo sadii jalaa fuudhanii milishoota isaaniif kennuun ifoomeera.

Akka jiraattonni jedhanitti gochoonni hammeenyaa guyyuu waraana abbaa irree bilxiginnaan ta’aa jira jechuun,  uummata maallaqa, qabeenya biroo hanga meeshaa mana  keessatti saamaa akka jiranis itti dabaluun ONM’tti himaniiru.

Leave a Reply