• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Baha Shaggar aanaa Dugdaatti gubaatiin manneenii waraana faashistii PP’n jabaate 

Aug 21, 2024

ONM-ABO Hagayya 18, 2024

Murni bilxiginnaa kufaatii hamaatti saba Oromoo geessuuf guyyuu miidhaa qaamaa qaqqabsiisuu, ajjeesee awwalcha dhorkuu, saamee qe’ee duwwaatti hambisuu fi   qonnaan bultoota manneen irratti gubee qe’ee maatii hedduu golgoleessuun  jireenya godaansaaf saaxilaa jira.

Akkuma kanaan dura irra deddeebiin gabaasaa turre  godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa gandoota 40 ol keessatti jiraattota irratti manneen gubachuu fi saamichi waraana PP’n  irratti jabaachuun   Hagayya 17, 2024 dabalatee torban kana manneen hedduun waraana garboomfataa PP’n gubatee jira. 

Namoota manneen jalaa gubates maqaan kan nu ga’e; Dittaa Tujaaraa Magarsoo ganda  Waldaa Hafaa irraa fi  Nagaashuu Hawwaas Buttaa ganda  Koyyee Jajjabaa irraa meeshaa mana keessaa waliin manni isaanii guutuutti gubachuun barbadaa’eera.

Kana malees  gandoota hedduu keessatti guyyaa guyyaan saamichi loon hawaasaa fi hidhaan yoo jabaatu jiraattonni hunduu maqaa hidhata waraana Bilisummaa Oromoo qabduun hiraarfamaa jiraachuu jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Leave a Reply