• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Lixa Harargee aanaa Ciroo keessatti waraanni goolessaan impaayera Itiyoophiyaa mana jiraataa tokkoo gubuun barame

Aug 21, 2024

ONM-ABO Hagayya 17, 2024

Murni garboomsaan maqaa uummata Oromoon aangoo qabate, qabsoo qeerroo fi qarreen meeqa itti dhabame, kan lafee fi dhiigni hedduun itti dhangala’e butuun aangootti ba’e Bilxiginnaan kan duraa caalaa uummatatti cunqursaa hammeessuun qe’ee fi qabeenya jiraattotaa gaaffii tokko malee gubaa, saamaa fi namoota ajjeesaa jiraachuu itti fufeera.

Haaluma kanaan Lixa Harargee aanaa Ciroo Araddaa Sheek Aadaam keessatti, Hagayya 16, 2024 waraanni sirnichaa itti bobba’uun mana Obbo Abdallaa Ahimed Argaa kan jedhamu qabeenya manicha keessa ture waliin abidda itti shiduun gubanii barbadeessanii jiraachuu maddeen keenya gamasii Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himanii jiru.

Araddaa Sheek Aadaam kana keessatti mana jireenyaa qorqorroo, qabeenya manicha keessaa tokko osoo keessaa hin fudhatin tiksitootni impaayera Itiyoophiyaa, mootora bishaanii tokko kan qarshii 100,000 waliin mana keessatti gubuu fi qabeenyi mana kana keessatti gubate walumaa-galatti qarshii 300,000 olitti kan tilmaamamu ta’uun barameera.

Kana malees soolaarii qotee bultootni manneen gubbaa irraa qaban manneen hunda irra deemuun irraa fudhachaa kan turan ta’uu maddeen aanichaa dabaluun himaniiru.

Leave a Reply