ONM-ABO Hagayya 19, 2024
Gareen faashistii PP Oromoon diina biyya isaa irraa ittisuuf sochii Waraana Bilisummaa Oromoo waliin ta’ee mirga abbaa biyyuummaa isaa mirkanneeffatee akka hin jiraanneef gufuu qabsoo bilisummaa Oromoo ta’a jedhee wanta yaadu hundumaa Oromoo irratti taasisuu jabeessee jira.
Bifuma kanaanis godina Lixa Harargeetti hidhaa jumlaan guyyaa guyyaan Oromoo irratti adeemaa jiru jabaachuun aanaa Mi’eessoo araddaa Torbayyoo ganda Baaldii keessaa Hagayya 18, 2024 namoonni 13 waraana faashistii PP’n butamuun hidhaatti darbatamanii hiraarfamaa jiraachuun beekameera.
Namoonni Araddaa Torbayyoo ganda Baaldii mana barumsaa keessatti hidhamanii jiran 13 keessaa namootni maqaan nu ga’e muraasni:
1. Kadoo Ahimed,
2. Mahaammad Umar,
3. Aammee Aliyyii,
4. Muummee Amaddiinii fi kanneen biroo ta’uu jiraattonni ONM’tti himaniiru.
Kana malees torbanuma kana keessa namoonni digdamni gandichatti hidhamanii akka jiran gabaasnee turuun keenya ni yaadatama.



