ONM-ABO Hagayya 19, 2024
Waraanni faashistii PP namoota hidhuun gootummaa kan itti fakkaatu, guutummaa Oromiyaatti maatii hojii qonnaan jiraatan ragaa seeraa tokko malee maqaa hirmaannaa siyaasaa qabdu, seelii Waraana Bilisummaa Oromootii fi caasaa diinaa waliin hojjettu jedhuun namoota jumlaan hidhaa jiraachuun barame.
Bifuma kanaanis jiraattonni Baha Oromiyaa godina Lixa Harargee aanaa Mi’eessootti hidhaan haalaan jabaachuu himan. Aanicha keessatti hidhamtootni siyaasaa waraana abbaa irree bilxiginnaan qabamanii baatiilee dheeraaf gaaffii seeraa tokko malee hiraarfamaa akka jiran jiraattonni ONM’tti himaniiru.
Namoonni ona Mi’eessootti baatiilee hedduuf hidhamanii jiranis danuu yoo ta’an, muraasni maqaan nu ga’e araddaa Torbayyoo ganda Baaldii jedhamu keessaa qabamuun waajjira Poolisii magaalaa Mi’eessootti hidhamanii kan jiran:
1. Mahaammad Aliyyii,
2. Musxafaa Abdullaa,
2. Ammee Muummee,
3. Zahaaraa Umar,
4. Faamiiyaa Ahimed fi
5. Mahaammad Ahimed kanneen jedhaman dabalatee namoonni 20 gandicha keessaa qabamanii hidhamanii akka jiran beekameera.
Lukkeelee Bilxiginnaa ta’uun hojii basaasummaaf namoonni bobbaa’anii jiran Abraahim Saanii fi Ammee Alii Muummee kanneen jedhaman akka ta’es jiraattonni ONM’tti himaniiru.

