ONM-ABO Hagayya 20, 2024
Dhiphinni fi hiraarfamni lammiilee nagaa irratti waraana faashistii PP’n taasifamu guyyuu dabaluun, bilxiginnaan rakkinaa fi gidiraa sabaatti tooftaa aangoo ittiin dheereffatan taasisaa jiraniin jiraattota nagaa daandii gubbaa irraa qabuun ajjeechaa raawwachaa jiran hammeessaniiru.
Akka kanaanis Hagayya 18, 2024 waraanni goolessaan bilxiginnaa godina Baha Wallaggaa aanaa Saassiggaa ganda Mojoo irraa abbaa maatii maqaan isaa Galataa Tolasaa jedhamu qe’ee isaa irraa qabuun guyyaa tokko dararaa erga bulanii booda guyyaa kaleessaa Hagayya 19, 2024 bifa suukkanneessaan iddoo addaa laga Bishaan Gumbii jedhamutti akka ajjeesan beekameera.
Abbaan maatii waraana faashistii PP’n ajjeefame kun nama umrii 27 yoo ta’u, daa’ima tokko akka qabus dabaluun jiraattonni ONM’tti himaniiru.
Dabalataanis aanaa Saasiggaatti maqaa hariiroo waraana bilisummaa Oromoo qabduun hidhaa jumlaan uummata irratti waraana faashistii PP’n raawwachaa akka jirus beekameera.

