ONM-ABO Hagayya 20, 2024
Waraanni aangoo fi kabaja murna tokkoof jecha seenaa suukkanneessaa hawaasa Oromoo irratti waggoottan ja’an gara aangootti dhufee kaassatti raawwachaa jiru Bilxiginnaan har’as gocha badii isaa itti fufuun jireenya hawaasa Oromoo goolaa jira.
Akka Jiraattonni godina Gujii Lixaa aanaa Dugdaa Daawwaa gandoota akka; Kuroo, Kuroo Nagallee, Camee Kuraa, Bayyaa Gundii, Tulaa Wayyuu, fi gandoota onichaa biroo ONM’tti himanitti waraanni maqaa sakattaa WBO’n bobbaa’an hawaasa nagaa irratti saamicha, gudeeddii fi hidhaan dararaa geggeessaa jiru jedhu.
Duudhaa fi safuu hawaasaa cabsuun, seeraa fi naamusa waraanummaa cinaatti dhiisuun waraanni ergama badiin socho’an maafiyootni Bilxiginnaa abbaa warraa doorsisuu fi reebuun haadha warraa fi intala kee nuuf kenni jedhanii gudeeddii uummata irratti geggeessaa akka jiran jiraattonni ONM’tti himaniiru.
Kana malees saamicha gandoota baadiyyaatti labsamee jiruun namoonni dukkaana qaban saamamuu fi maatiin qabsaa’otaa xiyyeeffannoo jala galuun hidhamaa, akkasumas; saamamaa akka jiranis beekameera.

