• Thu. Nov 26th, 2026

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBO’n zoonii Lixaa godina Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu kaarraatti tarkaanfii laalessaa humna diinaa irratti fudhachuu beeksise 

Aug 23, 2024

ONM-ABO Hagayya 21, 2024

Gaachanni saba Oromoo Waraanni Bilisummaa Oromoo waraana weerartuu PP maqaa sakattaa WBO’n aanaa Qilxuu Kaarraa irraa gara ganda Waandii Daallee zooniii Dooyyoo iddoo addaa Abbaa Gurraachaa jedhamutti bobbaate irratti gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo kaleessa Hagayya 20, 2024 tarkaanfii guggubduu irratti taasiseen humna diinaa du’aa fi madoon adabeera.

Tarkaanfii kanaanis tika bilxiginnaa aanichaa bara sirna EPRDF irraa eegalee dhiiga qeerroo Oromoo dhangalaasaa har’a ga’e nama maqaan isaa  Bajuuraa Kabaa jedhamu dabalatee battalatti du’aan yoo adabu ergamtoota sirnichaa hedduus madeesseera.

Waraana faashistii PP ergama badiisaa koloneel Abiy Ahimed irraa fudhachuun uummata Oromoo lubbuu balleessaa, hidhaa, qe’ee fi qabeenyaa isaanii barbadeessaa jiran irratti Oromiyaa bakkoota hedduutti tarkaanfiin irratti fudhatamaa jira.

Leave a Reply