• Tue. Nov 24th, 2026

Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaatti waraanni faashistii PP nama nagaa tokko rasaasaan rukutee ajjeesuun dhagaa’ame

Aug 24, 2024

ONM-ABO Hagayya 22, 2024

Ajjeefamuun uummata Oromoo impaayera Itiyoophiyaa keessatti hanga du’a bineensota bosonaatti kan hin lakkaawwamne ta’uun har’as ilmaan Oromoo Oromummaa isaaniin yakkamuun  ajjeefamaa jiru.

Gochi guyyaa guyyaan uummata nagaa irratti maqaa sobaatiin lukkeelee fi ergamtoota sirna abbaa irree bilxiginnaan irratti adeemsifamaa jiru dubbachuuf kan nama qaanfachiisuudha.

Waraanni aangoo sirna nama tokkoo tiksuuf bobbaafaman namoota nagaa manneen isaanii keessaa butuun murtii seeraa tokko malee ajjeechaa irratti raawwachaa kan jiran yoo ta’u, Hagayya 20, 2024 godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa bulchiinsa magaalaa Jimaateetti namni nagaan tokko ajjeefamuun beekameera.

Gara jabummaa waraana seerdhabdee koloneel Abiy Ahimed uummata akka ajjeesaniif bobbaaseen namni ajjeefame kun maqaan isaa Guddataa Olaanaa kan jedhamu yoo ta’u, waaree booda sa’a 9:00’tti bulchiinsuma magaalaa Jimaateetti akka lubbuu isaa dabarsanis beekameera.

Kana malees waraanni faashistii PP manneen jiraattotaa irra deemuun maqaa sakattaa WBO’n bobbaafamanii hidhaa fi saamicha taasisaa akka jiranis kan himamu yoo ta’u, yakki guutuu onichaatti raawwatamaa jiru jiraattootatti yaaddoo uumee akka jirus beekameera.

Leave a Reply