• Tue. Nov 24th, 2026

Dhukaasa mana barumsaa Bosniyaatti ta’een yoo xiqqaate namoonni sadii ajjeefaman

Aug 24, 2024

ONM-ABO Hagayya 22, 2024 

Kaaba dhiha Bosniyaa fi Herzegovinaatti mana barumsaa tokko irratti dhukaasa banameen yoo xiqqaate hojjettoonni sadii du’uu isaanii qondaaltonni himan.

Namoota dhukaasa Roobii kaleessaan ajjeefaman keessaa dura bu’aa, barreessaa fi barsiisaa Giddugala Mana Barumsaa Sadarkaa Lammaffaa Sansiki Moost akka ta’an dubbi himaan Ministeera Dhimma Biyya Keessaa Adnaan Beganovich Al Jazeeraatti himaniiru.

Dhukaasni kun sa’aatii 10:15 am  irratti raawwatame. Dhaabbanni oduu Rooyitars poolisii wabeeffachuun akka gabaasetti hojjetaan mana barumsichaa tokko dhukaasa kana keessatti hirmaachuu isaa ibseera.

Shakkamaan kun “qawwee waraanaa, qawwee ofumaan hojjetu fayyadamee hojjettoota mana barumsaa sadii ajjeesee of ajjeesuu yaaleera”, jechuun Beganovich raadiyoo biyyaalessaatti himeera.

Akka qorannoon bara 2010 Sagantaa Misooma  Mootummoota Gamtoomanii (UNDP) jedhutti, Boosniyaa keessatti meeshaaleen waraanaa seeraan alaa gara  750, 000 ta’an qabatanii turan.

Dhukaasni mana barumsaa inni dhumaa Baalkaan keessatti Caamsaa bara 2023 Sarbiyaa magaalaa Beelgireeditti kan raawwatame yoo ta’u, dargaggeessi umrii kurnanii keessa jiru tokko namoota 10, hiriyyoota daree isaanii sagal dabalatee rasaasaan rukutee ajjeesuu Aljezeeraan gabaaseera.

Leave a Reply