• Thu. Nov 19th, 2026

Godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaatti, hidhaa fi reebichi hamaan jiraattota irratti raawwatame

Aug 24, 2024

ONM-ABO Hagayya 22, 2024

Kutaalee Oromiyaa adda addaa irraa ilmaan Oromoo adamsanii ukkaamsuun gochoota suukkanneessoo irratti raawwachaa kan oolan lukkeeleen bilxiginnaa, godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaatti loltoonni faashistii PP uummata irratti reebicha hamaa raawwachuun himamee jira.

Aanaa Cawwaaqaa ganda Odaa Kanniisaa  jedhamtu keessatti  Hagayya 19, 2024 dargaggoota iddoo isaan bulanitti marsuudhaan nama afur harka duubatti hidhanii reebicha hamaa ta’e irratti raawwachuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.

Namoota maqaan isaanii:

  1. Abdii Zeeynii
  2. Shugguxee Imaanuu
  3. Qayyoo Ahimed fi 
  4. Diinaa Shaafii jedhaman badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkanii hidhaan dararaa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Leave a Reply