• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Lixa Harargee aanaa Daaroo Labuutti ergamtoonni murna PP jiraattota saamuu cimsan

Aug 24, 2024

ONM-ABO Hagayya 22, 2024 

Lukkeeleen bilxiginnaa milishaa jedhaman ajaja qaama olii irraa itti kennameen afaan qawwee uummata Oromootti qabuun dararaa ulfaataa irraan geessisaa kan jiran yommuu ta’u, hawaasni meesha maleessi lubbuu isaaf sodaachuun dirqamee waanuma isaan jedhan gochuun hiraarfama guddaa keessa galee jira.

Haaluma kanaan, godina Lixa Harargee  aanaa Daaroo Labuutti  jala deemtonni  PP hawaasa nagaa saamuu itti fufanii jiraachuu jiraattonni dubbatan. 

Milishoonni PP ergama itti kenname raawwatanii qaama isaanii ol jiru gammachiisuuf jecha hawaasa nagaa hiraarsaa kan oolan ta’uun, jiraattota aanaa Daaroo Labuu ganda Kotoraa jedhamu irraa maallaqa guuraa jiraachuun beekamee jira.

Milishoonni PP gandicha keessa jiran akkuma duraan maqaa kaffaltii gosa adda addaa itti dhahuun uummata saamaa turanitti “Waajjira Dhaabaa Ijaarra” jechuun qarshii dhibba afur afur nama tokko irraa dirqamsiisanii saamaa kan jiran ta’uu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyooleessa Oromiyaaf ibsaniiru.

Akka Jiraattonni gandichaa jedhanitti saamichi kun kan yeroo jalqabaa akka hin taane kaasuun yoo xiqqaate waggaa tokko keessatti maqaa kaffaltii gosa garaa garaa nutti dhahuun yeroo 5 fi isaa ol nu saamaa jirus jedhan.

Akkasumas yeroo itti qaala’iinsi jireenyaa  humna uummataa ol ta’ee rakkisaa jirutti har’aa boruu uummata saamuun isaanii shiftummaadha jechuun yeroo ammaas uummanni sadarkaa ofiin of ajjeesuu irra ga’ee jiraachuu miira aariin ONM’tti himaniiru.

Leave a Reply