ONM-ABO Hagayya 23, 2024
Loltoonni sirnichaa uummata Oromoof naasuu tokko kan hin qabnee fi hawaasuma irraa dhalatanitti gara laafina dhabuun gochoota ijaan argaa fi dhaga’uun hin tolle haala gaddisiisaan raawwachaa jiru.
Haaluma kanaan, akkuma amala godhatanitti godina Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraatti waraanni PP saamicha, ajjeechaa fi manneen uummataa gubuun isaanii himamee jira.
Ganda Lalisaa Agamsaa jedhamu irraa dargaggoo maqaan isaa Yohaannis Qajeelaa jedhamu Hagayya 22, 2024 ganama ajjeesanii gatuun hanga gabaasni kun qindaa’ettillee reeffi isaa kan lafaa hin kaane ta’uu namoonni itti dhiyeenyaan beekan himan.
Kana malees, loltoonni ilmaan Oromoo balleessuuf bobbaafaman kun ganda Kalaansoo Dambii jedhamu keessaa immoo namoota maqaan isaanii Obbo Bashaa Namarraa fi Obbo Asaffaa Taaddalaa jedhaman jalaa dukkaana isaanii hunda saamuun konkolaataatti erga fe’ataniin booda dukkaanaa fi mana jireenyaa isaanii abiddaan barbadeessuu jiraattonni gandichaa ONM dubbise himanii jiru.

