• Sun. May 17th, 2026

Kaaba Oromiyaa godina Walloo magaalaa Kamisee keessatti caasaaleen bilxiginnaa wal hidhuun akkuma itti fufetti jira

Aug 24, 2024

ONM-ABO Hagayya 24, 2024

Wal dhibdee fi diigamiinsa mooraa murna bilxiginnaa keessatti baatiilee hedduuf uumamee turee fi itti jiru ONM gabaasaa kan ture yoo ta’u,  yeroo ammaa kanas kan duraa caalaatti wal hidhuu, reebuu fi ukkaamsuun maatiin iyyaafatanii achi deemanillee  arguu akka hin dandeenye taasisaa jiraachuu maddeen dabaluun dubbatan. 

Haaluma kanaan, ergamtootni bilxiginnaa walii isaaniif naasuu hin qabne kun godina Walloo magaalaa Kamisee keessatti wal hidhaa fi wal ukkaamsaa akka jiran barameera. 

Akkuma kanaanis Hagayya 20, 2024 lukkeeleen bilxiginnaa 20 ol ta’an Poolisota, Kaabinootaa  hanga qaamolee Federaalaa osoo hin hafne kan hidhaman yoo ta’u, isaan keessaa kan maqaan nu ga’e Obbo Hasan Yuusuf, Poolisii Sayid Xilahuunii fi Poolisii Umar kan jedhaman akka ta’e hojjetaan bilxiginnaa maqaan isaa akka tuqamu hin feene tokko ONM’tti himeera.

Namni keessoo PP kun akka jedhutti lukkeeleen bilxiginnaa hidhamanii jiran kun reebamaa fi namoonni akka isaan hin dubbisne bakka isaan jiran dhoksuun dararaa kan jiranii fi yeroo ammaas hojjettootuma isaanii keessaa namoota 30 qorannee irra ga’aa jirra ni hiina yeroos diigumsii fi wal dhibdeen ni furama jechuun dubbachuu isaanii ibseera.

Caasaaleen bilxiginnaa godinicha keessatti argaman walitti dhufuun Hagayya 19-23, 2024 kana marii irra jiraachuu  isaanii itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himeera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading