• Tue. Nov 24th, 2026

Lammiileen Naayijeeriyaa xiyyaara haaraa pirezidaantichaan bitametti dallanan

Aug 24, 2024

ONM-ABO Hagayya 22, 2024 

Lammiileen Naayijeeriyaa hedduun yeroo dinagdeen dhaloota tokko keessatti rakkoo hamaa keessa jiru kanatti xiyyaarri haaraan Pirezidaantii Boolaa Tinubuuf erga bitamee booda aarii guddaadhaan deebii kennaniiru.

Bittaa kun kan raawwatame erga namootni kumaatamaan lakkaa’aman guutuu biyyattiitti daandii irratti ba’anii beelli fi qaala’iinsa jireenyaa dabaluu mormaniin booda.

Bara darbe biyya Afrikaa baay’ina ummataa qabdu hoogganuudhaaf kan filataman Mr. Tinubuu, deggarsa boba’aa qaala’iinsa jireenyaa olaanaaf gumaache, kan yeroo ammaa %30 ol ta’e, buqqisuu dabalatee haaromsa dinagdee hedduu fidaniiru.

Pireezidaanti Tinubuun haaromsi kun baasii mootummaa hir’isuu fi guddina yeroo dheeraa kakaasuuf barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Ji’a Guraandhalaa keessa pirezidaantiin Naayijeeriyaa namoota ofii isaanii dabalatee baay’ina jila imala seeraa %60 hir’isuu beeksisaniiru.

Haa ta’u malee wiixata darbe pirezidaantichi xiyyaara haaraa  Airbus A330 fayyadamuun gara Faransaayitti kan imalan yoo ta’u, xiyyaaronni kun xiyyaarota shanii ol geejjiba pirezidaantii keessatti kan dabalame isa dhumaa ta’eera.

Baasii xiyyaarichaas ta’e, sababni imala isaas hin ibsamne jechuun BBC’n gabaaseera.

Leave a Reply