• Wed. Nov 25th, 2026

Lixa Jarmanitti ayyaana irratti haleellaa qawween erga raawwatameen namoonni sadii du’an

Aug 24, 2024

ONM-ABO Hagayya 24, 2024

Jimaata galgala ayyaana Jarmanii dhihaa magaalaa Solingen keessatti haleellaa qawween raawwatameen lubbuun namoota sadii yoo darbu afur ammoo akka malee madaa’uu poolisiin beeksiseera.

Haleellaan kun naannoo sa’aatii 10 p.m.tti yoo ta’u, namni eenyummaan isaa hin beekamne namoota hedduu irratti haleeluu ibseera.

Jarman keessatti waraannii fi dhukaasni lubbuu namaa galaafatu baay’ee hin mul’atu.

Poolisiin akka jedhetti haleellaan kun kan raawwatame ayyaana waggaa 650ffaa magaalattii kabajuuf qophaa’erratti.

Solingen bulchiinsa Kaaba Raayiin-Westfaaliyaa, Jarmanii keessatti baay’ina ummataa guddaa qabduu fi Nezerlaandiin kan daangeffamtu keessatti argamti.

Ministirri biyya keessaa kutaa biyyattii Herbert Riyuul bakka balaan kun itti dhaqqabe daawwachuun, haleellaa lubbuu namaa irratti xiyyeeffate ta’uu isaa gaazexeessitootatti himanii, maaliif akka raawwate  garuu tilmaamu didan.

Ji’a Waxabajjii keessa poolisiin ganna 29 magaalaa Jarmanii Manheyim keessatti hiriira mirgaa irratti haleellaa raawwatameen waraanamee du’e.

Bara 2021’tti haleellaan waraanaa baabura irratti raawwatameen namoota hedduu madeesseera.

Taatee mudate kanaan Poolisiin Jarman Sanbata har’aa akka jedhetti, namni hin beekamne tokko erga ayyaana magaalaa lixa Solingen keessatti argamu irratti haleellaa waraanaan namoota sadii ajjeesee, namoota biroo madeessee sa’aatii muraasa booda ammallee barbaadaa akka jiran ibseera jechuun Rooyiters gabaaseera.

Leave a Reply