• Wed. Nov 25th, 2026

Sudaan keessatti waraana guyyoota 500 lakkoofsiiseen Addunyaan rakkoo namoomaa guddaa ishee mudate dagatte jedhame

Aug 24, 2024

ONM-ABO Hagayya 23, 2024

Hokkoraa fi waldhabdeen  guyyoota 500tti dhiyaatu Sudaaniin rakkoo namoomaa keessa galchuun namoonni hedduun addunyaa irratti rakkoo namoomaa guddaa ta’e jedhan.

Erga Ebla bara 2023 waraana Sudaan kan Jeneraal Abdel Fattah al-Burhaniin durfamuu fi humna deggersa ariifataa (RSF) kan itti aanaa isaanii duraanii Mohaammadiin durfamu gidduutti lola aangoof ka’ee as namoonni 52,000tti siqan ajjeefamaniiru ykn madaa’aniiru.

Guddinni rakkoo kanaa akeekkachiisa gareewwan gargaarsaa fi UN illee irra deddeebiin kennaniin kan mul’atu yoo ta’u, Sudaan amma “bakka cabbii balaa guddaa” irra jirti jechuutti ga’eera.

Bal’inaa fi ciminni waraanni Sudaan akka waldhabdeewwan biroo, keessumaa biyyoota dhihaa irraa xiyyeeffannoo addunyaa akka hin arganne xiinxaltoonni ni akeeku.

”Waldhabdeen Sudaan keessa jiru ciminaan baayyee ol’aanaa ta’us biyyoota dhihaaf akka Yukireen ykn Gaazaa ji’oopoolitikaan barbaachisaa miti,” jedhan barsiisaa fi ogeessi dhimma Afrikaa Firaankoos Senesa’el.

Xiyyeeffannoo Sudaanii kennuu dhabuu kanaaf sababoonni biroo adda addaa dhiibbaan UN dhimma addunyaa irratti hir’achaa dhufuu fi biyyoonni dhihaa kallattiin dhimma keessoo saboota biroo keessa seenuuf fedhii dhabuun isaanii dabalaa dhufuu isaati jedhan.

Sudaan irra caalaa miidiyaalee warra dhihaatiin “dagatamtee” kan jirtu yoo ta’u, qaamni “dadhabbii ummata warra dhihaa gara Afrikaa fi waldhabdee ishee furmaata hin arganne, fi, baay’ee barbaachisaa ta’e, dhimmoota nageenyaa naannootti jijjiiruu” jedhus jira.

Ummanni biyyoota dhihaa mootummoota isaanii Sudaan irratti akka socho’u dhiibaa kan hin jirre yoo ta’u, waldhabdeen kun ammoo bara 2004 yeroo rakkoon Daarfuur turetti xiyyeeffannoo hin arganne, sababiin isaas Gaazaan hojii isaanii isa olaanaa waan taateef,” jechuun Rooyiters gabaaseera.

Leave a Reply