ONM-ABO Hagayya 25, 2024
Oromiyaa dirree waraanaa taasisuun waggoottan 6 oliif jeeqama keessa galchee kan jiru murni Bilxiginnaa Itoophiyaa naannichatti nageenya amansiisaa argamsiisuuf hojjechuu dhabuu isaan gaaga’amni namoomaa hamaa ta’e dhaqqabaa jira.
Biyyoonni hedduun lola naannicha keessaan yaadda’uu himataa jiru. Akkuma kana Ingiliziin gama isheen nageenyi naannoo Oromiyaa dhabamuun ishee yaaddessuu ibsiteetti. Marii hunda hirmaachise gaggeessuun gara nagaatti dhufamuu akka qabus gaafattee jirti.
Ingiliziin Oromiyaa keessa rakkoon nageenyaa guddaan akka jiru ibsuun, haleellaan uummata nagaa irra gahu natti hin tolle jechuun, ambaasaaddara Itoophiyaa kan Finfinnee jirutti himteetti.
Mootummaan Ingilizii kana kan ibse karaa ministirii ministeera misooma idiil-aadunyaasaa kan ta’an aadde Anelisee Dodsi’n ture.
Minisirittiin jidduu kana hojiif gara Finfinnee yeroo dhufanii turanitti, dhimma dhibee nageenyaa Oromiyaa fi naannoo Amhaaraa keessaa, akkasumas nagaan bahanii galuu dadhabuu uummata nagaa irratti yaaddoo biyyi isaanii qabdu kaasanii ministeera haajaa alaa Itoophiyaa wajjin dubbataniiru.
Anelisee Dodsi, dhimma nagaa fi tasgabbii Somaaliyaa, Sudaanii fi Sudaan Kibbaa keessaa irratti Gamtaa Afrikaa wajjin erga mari’atanii boodadha kan gara biyyaatti deebi’an.
Kun ta’us Bilxiginnaan Itiyoophiyaa gama nagaatti deema abdiin jedhu baay’ee laaffateera. Murna humna qabu gara waraanaatti bobbaasuun inumaa lolaaf qophii ta’uu bakkeewwan hedduutti mul’isaa jira.
Loltuu biyyaa alatti milishaa hanga gandaatti leenjisuurraa qabee naannicha harka caalu waraana taasisuu irratti waan fuulleffatee hojjetaa jiru fakkaata.
Bilxiginnaan Itiyoophiyaa afaaniin waa’ee nagaa faarsaa leenjii waraanaaf humnaan nama hedduu daandii irraa butuun mooraa leenjiitti guraa jiraachuun beekamaadha. Afaaniin karri nagaa banaadha jechaa lolaaf of qopheessaa jiraachuun fedhii nagaa buusuu dhabuu akka agarsiisu xiinxaltootni fi qondaaltotni siyaasaa ni dubbatu.
Poolisiin Naayijeeriyaa barattoonni fayyaa buutaman 20 bilisa ba’uu hime
ONM-ABO Hagayya 25, 2024 Barattoonni fayyaa Naayijeeriyaa 20 kanneen gara walga’ii osoo deemaa jiranii butaman erga butamanii torban tokkoo ol booda bilisa ta’uu poolisiin beeksiseera.
Namoonni qawwee qaban barattoota kana Hagayya 15 yeroo konfiraansii giddugala biyyattii kutaa Beniyu keessatti argamutti imalan kan qabaman yoo ta’u, boodarra furii gaafatamaniiru.
Dubbi himaan poolisii Naayijeeriyaa Olumuyiwa Adejobi Sanbata kaleessaa akka jedhanitti, “Obboleeyyan keenyaa fi lammiileen Naayijeeriyaa biroo tokko tokko bosona Nutunkon, Naannoo Beeniyu keessatti booji’amanii turan Jimaata dheengaddaa gadhiifamuu isaanii mirkaneessina jedhan.
Poolisiin kutaa biyyattii ibsa kenneen “barattoonni 20 Yunivarsiitii Mayidugurii fi Yunivarsiitii Joos irraa gadhiifamuu isaanii mirkaneessaniiru” jedheera.
Barattoonni kun “furii tokko malee” bilisa ba’aniiru. Gareen kun “tooftaa fi ogummaadhaan baraarameera” jedha Adejobi.
Hogganaan poolisii biyyattii torban kana keessa garee tooftaa “tactical squad” Naannoo Beniyu keessatti bobbaasee ture.
Barreessaan olaanaa Waldaa Barattoota Meedikaalaa Naayijeeriyaa Foorchuun Olaayee, dhaabbata oduu AFP’f gadhiifamuu kana mirkaneessaniiru. “Bilbilaan isaan haasofneerra. Nageenya qabu,” jedhan Olayeen.
Dhaabbanni gorsaa Naayijeeriyaa SBM Intelligence jedhamu, Pirezidaantiin Bola Ahimed Tinubu Caamsaa 2023 fi Amajjii 2024 aangoo qabachuu isaanii gidduutti biyyattii keessatti namootni 4,777 butamuu galmeessuu ibseera jechuun Aljezeeraan gabaaseera.

