ONM-ABO Hagayya 25, 2024
Loltoonni sirnichaa yeroo adda addaatti ilmaan Oromoo badii tokko malee gama isaaniif danda’ame maraan hacuucuu fi mirga sarbuu kan amaleeffatan godina Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaatti loltoonni faashistii PP hawaasa nagaa achi buutee dhabamsiisuu itti fufanii jiraachuun ibsamee jira.
Aanaa Guutoo Giddaa bulchiinsa magaalaa Luugoo jedhamuun beekamutti loltoonni faashistii Abiy Ahimediin bobbaafaman “Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabda” jechuun badii tokko malee nama maqaan isaa Sirriiqaa Yaaddessaa jedhamu Hagayya 23, 2024 ukkaamsuun qabanii achiĀ buutee isaa dhabamsiisuu jiraattonni magaalichaa itti dhiyeenyaan beekan eeranii jiru.
Aanichatti yakkoonni gara jabinaa adda addaa tilmaama hin qabne uummata irratti raawwachaa kan jiru yoo ta’u, sababa kanaanis uummatni yaaddoo jireenyaa hamtuu keessa jiraachuun barameera.



