• Fri. Nov 27th, 2026

Godina Baha Wallaggaa aanaa Limmuutti loltoonni bilxiginnaa hawaasa irratti saamicha raawwachuu cimsanii itti fufan

Aug 26, 2024

ONM-ABO Hagayya 26, 2024

Loltoonni bilxiginnaa sababoota adda addaan diinagdeen Bilxiginnaa kufuu gaafa baran afaan qawwee uummatatti garagalfachuun dirqamsiisanii humnaan saamuun, reebuun, hidhuun, mana irratti gubuun, hidhanii garmalee dararuun rakkoo siyaasaa impaayerattii meeshaa dantaa irraa ittiin sharafatan taasifatanii jiru. 

Haaluma kanaan, godina Baha Wallaggaa aanaa Limmuutti loltoonni bilxiginnaa sababii tokko malee uummata irratti saamicha ulfaataa ta’e raawwataa jiru.

Qaamoleen bilxiginnaa hundi gubbaa hanga gadiitti hawaasa nagaa hiraarsuu hojii idilee isaanii godhachuun jiraattota hedduu sababii tokko malee kanneen nagaan jiruu fi jireenya isaanii geggeeffatan maqaa kaffaltii gosa adda addaa itti dha’uun magaalaa aanichaa Galiilaa keessaa garmalee saamicha geggeessaa jiraachuu jiraattotni magaalichaa ONM’tti himanii jiru.

Akka jiraattonni magaalichaa himanitti, loltoonni bilxiginnaa yeroo yeroon maqaa gosa kaffaltii adda addaa itti dha’uun maallaqa guyyaa guyyaan uummata irraa saamaa jiraachuu himuun, namoota baadiyyaa irraa horii gurgurachuuf dhufan fakkeenyaaf, hoolaa tokko irratti qarshii 400, sangaa irratti qarshii 1,000 gurgurattes dhiistes dirqamaan hawaasa irraa fudhachuun uummatni dararaa akka argu taasisaa jiru.

Kana malees, akka jiraattonni kun itti dabaluun himanitti, harka qalleeyyii qoraan gurguranii fi namoota daandii irratti wantoota xixiqqoo gurguranii jiraatan irrattis kaffaltii garmaleen itti ramadamuun rakkoo keessa akka seenan ta’aa jiraachuu itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Leave a Reply