ONM-ABO Hagayya 27, 2024
Maqaa gosa kaffaltii adda addaa uummatatti dhahuun guyyaa guyyaan saamicha hamaa ta’e irra kan oolan ergamtoonni murna gabroomfataa PP, addumatti immoo godina Jimmaa irratti xiyyeeffachuun miidhaa ulfaataa geessisaa jiraachuun ibsameera.
Ergamtoonni bilxiginnaa aanaalee fi gandoota ishee hundatti “deggarsa maallaqaa” kaffaltii nagahee hin qabne ganda tokkotti akka qarshii 580,000 akka kaffalan dirqisiisaa jiraachuun ifoomeera.
Kana malees, godina Jimmaa hunda keessatti ergamtoonni sirnichaa dargaggoota Oromoo gowwomsuun muudama fakkeessanii dhimma siyaasaa irratti bobbaasuuf akka sa’a soogidda dura qabaniitti qarshii dura qabanii dargaggoota hedduu caasaa isaaniitti dabaluuf yaalanis hin milkaa’in jiraachuun baramee jira.



