ONM-ABO Hagayya 26, 2024
Goleewwan Oromiyaa cufa keessatti waraanni murna garboomfataa PP sababoota adda addaa itti maxxansuun sabboontota ilmaan Oromoo ajjeesuu, hidhuu fi dararaa garaa garaa irratti raawwachuu itti fufee jira.
Haaluma walfakkaatuun, godina Lixa Wallaggaa aanaa Laaloo Assaabii ganda Aallee Bareedaa jedhamu keessatti loltoonni sirnichaa Hagayya 25, 2024 dargaggoo maqaan isaa Taaddalaa Shuuramuu Tarrafaa jedhamu badii tokko malee mana maatii isaa keessaa fuudhanii rasaasaan rukutuun ajjeesanii bakkeetti gatuu jiraataan gandichaa akka maqaan isaa hin dhahamne barbaadu tokko ONM’f himee jira.
Akka jiraataan kun jedhetti, dargaggoon kun nama amala qabeessaa fi fakkeenyummaa qabu ta’uu fi safuu hawaasaa eeguun beekamu, akkasumas; siyaasa kam irraa illee bilisa ta’uu isaa hime.
Aanichatti yakkoonni gara jabinaa daangaa hin qabne irra deddeebiin hawaasa nagaa irratti raawwachuu kan itti fufan yoo ta’u, sababa kanaanis hawaasni baadiyyaa aanichaa keessa jiraatu qe’ee isaanii gadi dhiisanii baqachaa jiraachuu Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa odeeffateera.

