• Wed. Nov 25th, 2026

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Furseetti murnoonni bilxiginnaa milishaa ta’uu didde jechuun nama tokko reebanii hidhuun barame

Aug 27, 2024

ONM-ABO Hagayya 26, 2024

Murni bilxiginnaa uummata Oromoo ajjeesaa, hidhaa, saamaa fi qe’ee irraa buqqisaa osoo jiruu, kallattii tokkoon ammoo turtii aangoo isaa dheereffachuuf Oromoo Oromoon cabsuu yaada jedhuun jecha ilmaan Oromoo lola isaan hin ilaallannetti hirmaachisuun lubbuu obbaasaa jira.

Haaluma kanaan Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee magaalaa Caffaa Roobit keessatti Hagayya 22, 2024 caasaaleen bilxiginnaa nama maqaan isaa Ahimed Mahaammad Yusufee jedhamu  dhalataa ganda Ashawaa pop kan ta’e milishaa taata jechuun yeroo qabanii mooraa isaanii geessanitti ani lola na hin ilaallannetti hin hirmaadhu waan jedhe qofaaf reebicha cimaa irraan ga’anii magaalaa Caffaatti hidhuu maatiin himan.

Akka maatiin Ahimed ONM dubbise himanitti Ahimed nama sammuun isaa fayyaa hin qabne  ta’uu himuun, maatiin isaa kunneenis nyaataa fi uffata fiduun yeroo magaalaa Caffaa deemanitti lukkeelee bilxiginnaa kan ta’e nami Adam Wadaddar jedhamu maal barbaacha as dhuftan ittiin jechuun doorsisaa turuu isaa  fi maatiin kunis ilmi keenya sammuun isaas fayyaa miti, 2’ffaa nama siyaasa kamuu hordofee hin beekneedha yeroo jedhaniinitti isinuu  ni hidhamtu daftanii asii deemuu baannaan jechuun akka ari’an itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply