• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Baha Harargee magaalaa Awwadaayitti ergamtoonni PP, hawaasa nagaa dararuu itti fufan

Aug 28, 2024

ONM-ABO Hagayya 28, 2024

Ergamtoonni PP Kutaalee Oromiyaa cufa keessaa namoota jiruu fi jireenya gegeeffachuuf magaalota adda addaa irra deddeeman “fuula haarawaa” jedhanii sobaan yakkuun mana hidhaatti darbachuu, achi buutee dhabaamsiisuu fi  dararuu cimsanii itti fufanii jiru.

Haaluma kanaan, Baha Harargee magaalaa Awwadaay keessaa loltoonni sirnichaa dargaggoo, maanguddoo, xiqqaa fi guddaa, beekaa fi wallaalaa osoo hin jenne namoota konkolaataan bakkaa bakkatti deeman konkolaataa irraa buusuun “Waraana Bilisummaa Oromoo keessaa baddee dhufte” jechuun qarshii hedduu adabaa, reebicha hamaa irratti raawwachaa, doorsisaa fi gochoota gara jabinaa adda addaa irraan gahaa jiraachuu jiraattonni magaalichaa ONM’f himan.

Akka jiraattonni kun eeranitti, “namni kamiyyuu waraqaa eenyummaa qabaates dhabes konkolaataa irraa buusuun waan garaan isaanii yaade irratti raawwatu. Nuti jiraattonni magaalichaa rakkoo hamaa keessa jirra, Kaffaltii gibiraa fi kan maqaan isaa hin beekamneen guyyaa guyyaan nurraa guuru” jechuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf yaada jiru qoodanii jiru.

Leave a Reply